loader
  • Maallattoo sirna Gadaa fi Waaqeffanaa

    @Moti   2 years ago
    Sewasewer
  • loader Loading content ...
  • @Moti   2 years ago
    Sewasewer
    Bulchiinsa Sirna Gadaa keessati Bokkuu fi Faajjiin ykn Alaabaan mallattoo aangoo olaanaati. Bokkuun mallattoo mootummaati. Sirna Gadaa keessati iddoo olaanaa kan qabu Abbaa Bokkuuti. Aangoon kun filannoon osoo hin tain dhalootan kan darbaa dhufeedha. Odaa magariisaa (Asxaa) immoo tokkummaa fi Dimokraatawwaa saba Oromoo bakka bu’aa. Innis akkuma Alabaati sirna Gadaa durii irraa madda.

    Alaabaa Saba Oromoo
    Alaaban mallattoo Seera Walaabuu ykn Walaabummaati (mallattoo bilisummaa biyyaa Oromooti). Seera Walabuu jechaan seera dur durii Oromoon tumatee itiin of bulchaa ture malee isa jaarraa 15ffaa keessa Madda Walabuutti haaromsamee miti. Hawaasni tokko seera tumatee kan ittiin jiraatu yoo walabummaa qabaatee fi eenyumman isaa kabajameedha. Alaaban sirna Gagaa durii halluu (bifa) fi hiikaa ofii qaba, Gurraacha, Diimaa fi Adii tartiibaan kan qabu.

    Hiikni buufata Guraacha: Ol-aantummaa Waaqatti (Oromoon waaqni guraacha jedheeti amana), hurrin bokkaa qabu guraacha, qaroon ijaa , illi (argituun) guraacha. Guraachi kabajaf angafummaa, badhaadhumaa fi waan hedduu of keessaa qaba.
    Hiikni buufata diimaa: Ga’anii bilchaatanii, guutanii argamuu fi gootummaadhan mirga lammiitif wareegamuu bakka bu’a. Waanti hedduun yeroo ofii eeggatee gormuu fi ija guutuu isaa agarsiisa.
    Hiikni buufata adii: Fixannoo, raawwannoo agarsiisa. Hurriin rooba hin qabne adii dha. Dabbasaan nama dulloomee harriin adii dha, daaraan adii dha, lafee gogaan adii dha. Kanaaf adiin mallattoo raawwinaa ti. Akkasumas Alaaban Oromoo Asxaa Odaa magariisa fi Urjjii shan of irraa kan qabu ta’uu ni mala.

     
    Asxaa Saba Oromoo
    Odaa magariisaa fi Urjjii shan dha. Hiikni isaanii, Odaan mallattoo araaraa, Dimokraasawwaa fi Tokkumaa saba Oromootii. Urjjiileen shan immoo, wiirtoota Odaa adda addaa (fakk. Odaa Nabee, Odaa Bultum, Odaa Bisil, Odaa Roobaa fi Tulluu Nama Dur) ykn Federationii (naannoo) shanan Oromiyaa bakka bu’uu ni mala.

    Maalumaa Odaa
    Aadaa fi seenaa Oromoo keessatti Odaan akka madda nagaa fi mallattoo eenyummaa, tokkummaa uummata Oromootti ilaalama. Faayidaa amantii fi siyaasa Oromoo keessatti qaburra kan ka’e Odaan mukoota jiran keessa baay’ee kabajamaa fi eebbifamaa dha. Umuriin isaas haga malee dheeraa dha. Uumamaan lalisaa ta’ee bifti isaa harbuu ykn qilxuu fakkaata. Muki kun yoo caamsaan dheeratelee hin gogu. Kana malee uumamaan lafa jala bakka bishaan ykn jiidhinsi jirutti biqila. Guddinni isaa hanga tokko ol ka’ee dameen isaa waan wagga waggaan dalga dagaaguuf bal’dhatee gaddisa ta’uun namaa fi loonii madda qabbanaati (Suura 3). Gaaddisni Odaa iddoo itti Ayyaanni Muudaa raawwatuu fi miseensonni Gadaa sirna Ayaana ce’umsaa itti sirneefatanuu dha. Galmi Abbaa Muudaa fi teessoon Abbootii Gadaa Odaa jalatti ijaarama.
    Wabii:Saba Oromoo fi Sirna Gadaa
  • loader Loading content ...

Load more...